Fuula kana irratti Waan jireenya hafuuraa keessan ittiin gabbifachuu dandeessanii fi hubannoo tokko tokko irraa argachuu dandeessan Yeroo dhaa gara Yerootti in maxxansina,dubbisaa! Ittiinis Eebbifamaa!
Waaqayyo isin ha eebbisu!
Waaqayyo kadhannaa keenya maaliif tursa?
Seensa: Yeroo waa’ee kadhannaa barru waanti nutti himamu Waaqayyo kadhannaa keenya in dhaga’a nuufis in deebisa isa jedhuu duwwaa dha.Hata’u malee abbaan yeroo ijoolleen isaa waa isa gaafattu waan hundumaa battalatti hin kennuuf,waan battalatti kennuuf waan dhibaa fi ariifachiisaa ta’e duwwaa dha.Isa kaan yeroo itti fudhatee yaadee yeroo baayyee booddee kennuufii ni danda’a.Sababiidhuma ijoolleen isaa isa gaafataniif kennaaf miti.Fakkeenyaaf ijoolleen isaa Ibidda yookiis haaduu fi waan biraa waan isaan miidhuu danda’u gaafachuu danda’u.Isaan miidhaa waantichi isaanitti fiduu danda’u hin beekan,akkaataa qabaa waan kadhatan Sanaa illee adda hin baafanne waan ta’eef abbaan itti hin kennu.Kana jechuun immoo hin dhageenye jechuu miti,garuu isaanumti kadhataniif itti hin kennu.
Waaqayyo nu caalaa waan nuuf barbaachisu in beeka.Waan nuti isa kadhannuu hundumaa in dhaga’a,kadhannaa keenyaafis deebii kennuuf amanamaa dha.Garuu Waaqayyo kadhannaa keenya in dhaga’a yemmuu jennu hunduma kadhannaa keenyaaf battalatti deebii itti arganna jechuu miti.Kan battalatti deebii nuuf argatu jiraachuun isaa amanamaa dha.Yeroo tokko tokko garuu kadhannaan keenya dhaga’amee deebii battallaa argachuu dhiisuu dandeenya.Akkuma kana immoo baddubaasa iyyuu deebii dhabuu dandeenya.Kun maaliif ta’a laata? Mee kanatti fufnee qaphxiilee gaaffii kanaaf deebii ta’uu danda’an dubbii Waaqayyoon qabnee ilaaluu yaalla.
Kadhannaan keenya kan inni turuuf;
- Yaada keenyatu Waaqayyo irra ta’uu dhiiseetu waan biyya lafaa kanaa duukaa bu’a.Waaqayyo dursa kan inni itti kennuu fi kan inni nu irraa fedhu walitti dhufeenyi keenya isaa wajjin akka jabaa ta’uu dh(Maar 12:30,Maat. 6:33).Kadhannaan keenyaa fi yaadi keenya Waaqayyo irra ta’u dhiiseetu waan kadhannu duwwaatti hidhamaa ta’a jechuu dha.Garuu Waaqayyo dursa kan inni itti kennu walitti dhufeenyi nuyi isaa wajjin qabnu jabaachuu isaa ti.Yeroo kadhannaan keenya turu Waaqayyo waan eegaa jiru waanti sirrachuu qabu tokko jira jechuu dha.
- Waan nuyi itti qalbii keenya jijjiirrachuu qabnutu jiraachuu danda’a(Isaa 59:1-2). Cubbuun gufuu guddaa nuuf Waaqayyo gidduu goree akka kadhannaan keenya fudhatama hin qabaannee fi akka inni bubbulu gochuu danda’uu dha.Yeroo fuula Waaqayyoo duratti dhiyaannu dursinee ofii keenya garaa keenya sakata’uun barbaachisaa dha.Cubbuu dhokataan yoo jiraate ittii qalbii keenya jijjiirrachuu qabna.Nama yakkinee namnis nu yakkee yoo jiraate duraandursinee dhiifama gochuu ykn dhiifama gaafachuun in ta’a.Yeroo hundumaa Waaqayyo gara kadhannaa keenyaa utuu hin ta’in gara garaa keenyaa ilaala.Keessi keenya gufuu malee isa duratti dhiyaachuu qaba.Dubbiin Waaqayyoo duraandursaa tii of qoraa jedha(Faar 32:2-5,Erm 31:19,F.Erm 3:40,2Qoronx 13:3-5,1Yoha 1:9,Yaa’iqob 4:3)
- Yeroo amantii keenya jabeessuu fi bal’isuu barbaaduu dha.Waaqayyo amantii keenya akka guddatu,akka nuyi jabaannu fi amanitin keenya bal’atu in barbaada.Kana kan inni godhu immoo akka nuyi deebii kadhannaa keenyaa turree eeggannu gochuu dhaan ta’a(R.Amba. 2:1-3,4; 3:17-19)
- Yeroon Waaqayyoo fi kan keenya tokko miti( Waaqayyo waan hundumaa karooraan hojjeta).(2Phexi. 3:8).Yeroo Waaqayyo kadhannaa keenya tursu waan inni calluma jedhe nutti fakkaachuu danda’a.Inni garuu yeroo keenya utuu hin ta’iin yeroo ofii isaatii fedhetti nuuf kenna.Yeroo nuyi barbaanne sanatti waan deebisuu dideef qaba jechuu dha.Kunis immoo waan nu barsiisuu barbaade qabaachuu danda’a,Fkn; Abirihaamii fi Saaraa fudhachuu dandeenya.Abirihaamii fi Saaraan lafa guuranii turan garuu dhala argachuu fedhu turan.Waaqayyo garuu bara dulluma isaaniitti akka isaan dhala argatan godhe.Kun egaa waan isaan barsiisuu barbaade qaba jechuu dha.Namni yeroo waa keessa dabu waan tokko baratee darba.Battala nuyi waan kadhanne argachuu feenu sanatti waan itti miidhamnu qabachuu dandeenya.
- Waan nuyi gaafanne sana irra kan caalu waanti kan biraan yeroo jiraatuu dha.Kadhannaan keenya si’a baayyee waan xinnoo ta’uu ykn waan nuyi utuu itti hin yaadiin kadhanne ta’uu danda’a.Waaqayyo garuu sana irra waan caaluu fi waan nuuf ta’u qopheessee jira ta’a.FKN; nuyi hojii xinnoo argachuu barbaanna ta’a,inni garuu waan jireenya keenya ittiin geggeeffachuu dandeenyu nuuf qopheessee jira kanaaf inni nuyi kadhanne turuu danda’a.(R.Erm 29:11-12,Efe 3:20,1Moto 3:13,Yoha 13:7))
- Diina qabaachuu dandeenya,Seexanni akka nuyi Waaqayyoo wajjin tokkumaa qabaannu hin fedhu,kanaaf, nuuf Waaqayyoon gidduu goreewal’aansoo nuun qabuu danda’a . kadhannaan keenya akka deebii hin argannee gochuuf yaalii gurguddaa godha.(Dani’el 10:12-14)
- Ulfina ofii isaatii jireenya keenya keessatti akka nuyi arginu yeroo barbaaduu dha(Yoha 11:1-4).Waaqayo eenyuu iyyuu akka itti jajjamu hin fedhu,ulfina isaas kan biraaf dabarsee kennuu hin fedhu.Yeroo turu ulfinni isaa akka nama hundumaa biratti beekamu gochuu barbaadeeti malee battalatti gochuu dadhabee miti.(Isa 30:18)
- Kadhannaan keenya yeroo akka jaalala Waaqayyotti ta’uu dhiisuu dha.Nuyi yeroo baayyee waan foon keenya gammachiisu duwwaa yaadnee kadhanna ta’a.Garuu waanti nuyi kadhannee sun waan Waaqayyoon gammachiisu ta’uu dhiisuu ni danda’a.Waaqayyoon yeroo kadhannu waanti ani kadhadhu kun isatti in tolaa akka jaalala isaatti kadhadheeraa jennee itti yaaduun barbaachisaa dha(Yaa’I 4:3,1Yoha 5:14)
- Waaqayyo yaada ofii isaatii qaba,Fakkeenyaaf; Paawulos yeroo tokko dhibee namummaa isaa keessaa qabuuf kadhate,Waaqayyo garuu waraantoo inni namummaa isaa keessaa qabu sana buqisuu dhiiseetu,ayyaanni koo duwwaan si ga’a isaan jedhe*(2Qoronx 12:9)
Yeroo Waaqayyo deebii utuu nuuf hin kennin turu abdii kutannee kadhannaa keenya dhiifna utuu hin ta’in cimsinee itti fufnee kadhachuu garuu baayyee barbaachisaa dha(1Qoronx 15:58,Luqaas 18:1,1Teselon 5:16-18)
Waaqayyo waa’ee koo maal jedha laata? Waaqayyo ergaa naaf qabaa laata?
- Ani bifa Koo fi fakkeettii kottan si ummadhe(Umaa.1:26,Faar 139:15-16)
- Ati umama harka Koo ti,harka kootinan si ummadhe(Umama 2:7,Faar 119 :13)
- Bareecheen si ummadhe ati bareedaa/duu dha(Faar 139:14)
- Bu;aan namummaa kee hundumtuu ija koo fuula duratti lakka’amaa dha(1Qoronxos 12:18
- Akeekaa fi ulfina koof umamte(Isaa 43:7)
- Ani tiksee kee ti,anatu si eega(Faar 100:3)
- Waa’ee kee hundumaa ani nan beeka,(Faar 139)
- Garaa Haadha keetii keessatti utuu ati hin dhalatinan si Beeke ani si fo’adheera(Erm 1:1-9)
- Achii as dhufa kee ani nan beeka(Iziqel 16:1-3)
- Umama hundumaa keessaa ati adda taatee umamte(Faar 8:5)
- Waanti hundumtuu aboo kee jala jira,homtinuu si irratti gooftummaa hin qabu(Uma 1:28,Luqa 9:1-2,Maar 16:17-18)
- Biyya lafaaf eebba taata (Uma 12:1-3)
- Hin sodaatin ani Gaachana kee ti(Umama 15:1-3)
- Ani sii wajjinan jira(Iyyaasuu 1:9,Isa 43:1-3)
- Hin na’in,garaan Kee hin raafamin ana amanadhu malee(Yoha 14:13)
- Hin yaadda’in ani siifan yaadda’a(Maat 6:25-34,Erm 29:11-13)
- Rifeensi mataa kee hundinuu lakkaa’amaa dha(Luqaas 12:7)
- Harka koo keessaa homtinuu si butachuu hin danda’u(Yoha 10:28)
- Dinonni kee milla kee jalatti daaraa in ta’u(Milki 4:3)
- Ani sin hirraanfadhu (Ibirota 6:10, Isaa 49:15-16)
- Anatti amantii qabaadhu,gara Abirihaamii fi Saaraa ilaali
- Gara Kiristoos ilaali(Ibi 12:1-3)
- Caba kee anumatu wal’aana(Ermi 30:17)
- Kakuun siif qaba,isas siifan raawwadha (Isa 46:9-10,Faar 138:8)
- Kakuun koo kan sobaa hin ta’u, hin diigamus (Iyyaasu 21:45,Isaas 55:11,2Qor 1:20,2Samu 7:28,1Moot 8:56, Faar 33:4, Fakke.30:5,2Phex 3:1-9, Uma 9:15, 16, Faar 105:8, Faar 89:3-4)
- Ati kan koo ti jedhee maqaa keen si waameera(Isa 43:1,Yoha 10:14-15)
- Ati anaaf akka ilma hangafaa ti(Gala 3:26,Efe 1:11-17)
- Kan koo hundinuu kan kee ti(Efe 1:11-17,Room 8:16-18)
- Ani sin eega(Faar 91:14,Ba’u 33:17)
- Ani Fayyisaa kee ti(1Teslon 5:8-10,Isa 43:11,Luqa 2:11,1Yoha 4:14)
- Ani siif waan hundumaa kee ti: Iddoo kooluu,Umna kee ti,kattaa kee ti,Burqaa jireenya kee ti,isa siif dhimmuudha,Ani ifa kee ti(Faar 119:105,Yoha.8:12).
- Dinonni kee si hin mo’an(Faar 25:2,41:11)
- Warri si irratti kufan ofii isaanii ti caccabu,akka aaraas bittinnaa’anii in badu(Faar. 9:3-5,
- Kakuu barabaraa siif galeera
- Lafa haaraa fi lafa haaraatu si eegaa jira(M.Yoha 21:1-4) Ati anaaf mi’a hojii koo tii ti(Isa 49:3,41:8,Efe 2:10,H.Erga 9:15
- Ani si fo’adheera (Yoha 15:16, Keessa 7:6-8)
- Ani sin jaalladha(Yoha 3:16,1Yoha 4:19,Rome 8:5,Faar 136:6)
- Anatu si geggeessa(Faar 32:8,Keess. 1:30, Isaa 52:12,31:8)
- Yaadan siif qabu anuma duwwaatu beeka(Ermi 29:11-12)
- Karaa kee anti kennadhu(Faar 37:5)
- Ani siif budeena kee ti(Yoha 6:22-59)
- Dhuma keef abdiin jira(Filph 1:21,23,Erm 31:17-19)
Ati gatii guddaa qabda!!!
Ani uumaa keeti ati immoo uumama harka kootii ti(Uma 2:7).Ani bifa kootii fi fakkeenya koottan si ummadhe(Uma 1:27).Garaa hadha kee keessattan bifa sitti godheen akka ati jiraattuuf hafuura koo sitti baafadhe (Faarfannaa 139:14). Lakkobsa Rifeensa mataa kee gubbaa jiru ani nan beeka,utuu ati jecha afaan kee keessaa hin baafatinan waan ati jechuudhaaf jirtu hunduma ani nan beeka. (Maat 10:30,Faar 139:4)
Ani bareecheen miidhegseen si tolche (Faar 139:14).Ati Simbirroota baayyee irra in caalta ( Maat. 10:31).Ani umama undumaa irraatti aboo siifan kenne (Faar 8:6-8,Uma 1:26,28).Xinnoodhuman ofii koo gadi si godheen Gonfoo ulfinaa fi miidhagummaan mataa kee irra kaa’ee ( Faar 8:5,Uma 1:26).
Hata’u malee ati jalqabuma yeroon si Umee sana dhugaa koo sana Sobatti na jalaa jijjiirteen si arge, anaaf sagaduu fi Anaaf hojjechuu irra umama ani umeef sagaduu jalqabde(Rome 1:25). Cubbuu hojjechuudhaan ulfina ani siif kenne irraa kufte(Rome 3:23,Uma. 2:17), Cubbuu hojjechuu kee keessatti Hafuuratti duutee argamte(Efe. 2:1). Mucaa dheekkamsa fi diina koo taatee jiraachuu jalqabde( (Efe 2:3,Rome 5:10).Fuula kee achi Ana irraa deebifattee dugda anatti gattee jiraachuu itti fufte, cubbuudhaanis jireenyi kee in manca’e, si keessaa namni gaarii godhus in dhabame(Faar 14:2-3)Waanti ati eeggattuus firdii koo is qajeelaa ture((Faar 7:11-12)
Amma illee utuudhuma akkas ta’ee jiruun tokkicha ilma koo isa jaallatamaan waa’ee keetiif dabarsee kenne, kan isatti amanne raawwatee akka hin banne jireenya barabaraa ha qabaatuufan siif erge(Yoha 3:16). Utuu ati amma iyyuu cubbuu kee keessa gangalattuun firdii kee akka inni fudhatu godhe, innis waa’ee keetiif du’e,amma iyyuu utuu ati anaa wajjiin diina taatee jirtuun ofii kootti si araarsuuf jedheen ilma koo isa jaallataamaa fi tokkicha du’atti dabarsee kenne(Rome 5:8,10)
Amma garuu maqaa koo akka ati waammattee fayyituun godhe, kanaaf namni maqaa koo waammate hundumtuu in fayya (Rome 10:13)
Ati kan kana Amante dhaloota haaraa dha, lammaffaa si dhalachiiseera( 1Phex 1:3).Maatii Koon si godhadhe, kanaaf ati amma nama diidaa utuu hin ta’iin maatii koo ti(Efe 1:5), amma ati dhaaltuu koo ti (1Yoha 3:2;Rome 8:16-17). Ati qophaatti hin haftu kan koo waan taateef gara kee nan dhufa( Yoha 14:18,1Qor. 6:19). Ani akka abbaa siif ta’eera, baayyeen si jaalladhas( 1Yoha 3:1,Luqaas 15:20-24)
Ati amma dhaloota haaraa dha
Ija ani amma ittiin si ilaalu keessatti ati raawwattee nama haaraa dha, inni moofaan darbee sokkeera, inni haaraan dhufeera( 2Qoro.5:7).Cubbuun kana booddee si irratti gooftummaa hin qabaatu, ati cubbuu jalaa duutee anaaf jiraatta( Rome 6:11,Efeson 2:4-5)
Kunoo ati amma garbummaa cubbuu fi du’a jalaa luba baateetta, kanaan booddee firdii jala hin jirtu(Rome 8:1-2). Cubbuun kee hundumtuu siif dhiifameera( 1Yoha 1:9), balleessaan kee hundumtuu dhiiga Yesuus Kiristoosiin Surraa dhiqameera(1 Yoha 1:7,9). Ati amma ija kootti qajeelummaa ilma koo Isa fiixaan ba’aa ta’e sanaan qajeelaa taateetta( Rome 4:5)
Ati ayyaanaan karaa amantii isa tola siif kennameen fayyina argatteettaa( Efeson 2:8).Amantiidhaan qajeelummaa argatteettaa( Rome 5:1). Ati Ana keessa dhokfamtee jirta Waan ta’eef homtinuu anattii gargar si baasuu kan danda’u hin jiraatu( Rome 8:39). Harka koo keessa jirta waan ta’eefis homtinuu si butachuu hin danda’u( Yoha 10:29). Ani raawwadhee sindhiisu, sinbuusuu, sindadhabuus(Ibirota 13:5)
Ati kana booddee abbaa haaraa duwwaa qabda utuu hin ta’in maatii haaraa obbolootaa fi obboleettota qabda ( Luqa 8:21). Ati amma maatii maatii Waaqayyo keessaa tokko taateetta(1Phex 2:9). Jireenyi ati amma jiraattu ilma kootti amanuudhaan( Galat. 2:20)
Gara Yesuus ilaali! Ija kee isa irraa hin buqifatin. Inni isa amantii kee jalqabee isa fiixaniis baasuuf aboo qabuudha( Ibi 12:2). Kiristoos hafuura isaatiin sikeessa jira, atis isa keessa jirta(Yoha 15:5,Qola.1:27)
Yesuus irraa hin fagaatin isatti maxxanii jiraadhu(Yoha.15:4).jireenyi isa keessaan siif argame(Yoha 14:6,qola.3:3-4).jireenyi Yesuus, duunis immoo bu’aa dha( Filph. 1:21)
Jabinaa fi hubannaa ofii keetiin hin jiraatin. Raawwatee kun ta’u hin qabu.Hafuura koo isa si keessa jiruun geggeeffami jiraadhu male(Zeka.4:6,Fakke.3:5).Yaadadhu!Ani Hafuura koo isa Qulqulluu siif kenneera akka inni si wajjin ta’ee si geggeessuuf( Rome 5:5,Yoha 14:17).Hafuurri Qulqulluun gara dhugaa hundumaatti si geeggeessa, akka ati anaaf abboomamtee jiraattuufis si gargaara, hojii koo akka ati anaaf hojjettuuf akka ati naaf bu’aa buuftuuf humna siif kenna si geggeessaas(Yoha 16:7;H.Erga. 1:8;Gala. 5:16)
Madda:
Waaqayyo irraa
Waaqayyo si barbaada
- Waaqayyotti in amantaa?
“Dheekkamsi Waaqayyoo;Waaqayyo malee jiraachuu fi jal’ina namootaa irratti Waaqa irraa in mul’ata isaanoo jal’ina isaaniitiin dhugaa gadi in ukkaamsuu.Waa’ee Waaqayyootiif beekuun kan namaaf danda’amu isaaniifis hubatamaa dha;kanas Waaqayyo ofii isaa isaanitti hubachiiseera.Bifni isaa ijaan hin argamne garuu humni isaa inni barabaraa;Waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a,kanaafis waan itti qabatan hin qaban.” (Roomee 1:18-20)
2. Akka Waaqayyo si jaallatu in amantaa?
“ Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa ha qabaatuuf malee ha baduuf miti” (Yohaannis 3:16)
3. Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo akka ta’e in amantaa?
“Isaan kun garuu Yesuus Kiristoosicha ilma Waaqayyoo ta’uu isaa akka amantaniif amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman”. (Yohaannis 20:31)
Namni Maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti amanu jireenya barabaraa qabaata,garuu kan maqaa tokkicha ilma Waaqayyotti hin amanne ammuma iyyuu isatti faradameera,inni ammuma iyyuu dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraata.
(Yohaannis 3:36)
4. Akka cubbamaa yookin Waaqayyoon yakkite in amantaa?
“Hundinuu yakkaniiruu ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” (Roomee 3:23).
5. Yesuus cubbuuttii si fayyisuuf jedhee sababii cubbuukeef akka inni siif du’e in amantaa?
“ Waaqayyo garuu utuuma nuyi cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf du’uu isaatiin ammam akka nu jaallate in argisiisa” ( Roomee 5:8).
“ Dubbiin “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe” jedhu amanamaa dha guutummaatti fudhatamuunis in ta’aaf;warra cubbamootatti lakkaa’aman sana keessaa immoo an isa duraa ti”. (1Ximootewoos 1:15)
6. Akka Yesuus Kiristoos cubbuu kee fi yakka kee hundumaatti si fayyisu in feetaa?
“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a,kennaan Waaqayyo inni Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya barabaraa ti”. (Roomee 6:23)
“ Yesuus deebisee karichi, dhugaan,jireenyis ana, anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
(Yohaannis 14:6)
7. Macaafni Qulqulluun akkana jedha;-
“Yesus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte, waaqayyo du’aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta*. Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta’a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya. Caaffanni qulqullaa’aan, “Namni isatti amanu hundinuu hin yeella’u” in jedha*. Kanattis warra Yihudootaa fi warra Yihudoota hin ta’in gidduu garaa garummaan hin jiru; innoo gooftaa nama hundumaa ti, warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa in kenna*. Caaffanni qulqullaa’aan, “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuuin oola” in jedha*.
(Roomee 10:9-13)
8. Isa kana in amantaa?
9. Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo karaa isa tokkicha inni ittiin cubbuu kee hundumaa siif dhiisuu danda’uu dha,kanaaf, maqaa isaa ofii kee irratti waamuudhaaf in barbaaddaa? yoos cubbuun kee hundumtuu akka siif hafu in amantaa?
Yoos garaa kee guutuudhaan kadhannaa kanatti fufee jiru kadhadhu: “ Yaa Waaqayyo Gooftaa jallatama,maqaa tokkicha ilma kee Gooftaa Yesuusiin gara keetti nan dhiyaadha, akka an cubbuudhaan si yakke nan beeka araara kees nan barbaada, akka Yesuus Kiristoos cubbuu koof du’e nan amana,jireenya barabaraaf akka du’aa kaafamees nan amana.Kanaan booddee cubbuu kootti gaabbee gara keetti nan deebi’a,ati jireenya koo irratti mo’i, Yesuus kiristoosiifis akka an jiraadhuuf na gargaaari.Ayyaana kee isa daarii hin qabneef galatoomi.Maqaa tokkicha ilma kee Gooftaa Yesuusiin sin kadhadha! Ameen”
10.Kadhannaa kana amantiidhaan erga kadhattee Yesuus Kiristoosiin gara jireenya keetti fudhachuu dandeessetta.Kana in amantaa? Cubbuu kees akka inni siif dhiise in amantaa?
“ Amma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif aboo isaaniif kenne;isaanis warra maqaa isaatti amananii dha”. (Yohaannis 1:12)