Barruu Qulqullu
Barruu Qulqulluun maal inni?
Barruu Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ti. Macaafota kan biraa irraa adda kan isa godhu Qulqulluu dubbii Waaqayyoo ta’uu isaa ti. Barruu Qulqulluun kana malee barruulee kan biraa irraa adda kan isa godhu waan danuutu jira,
- Akkuma armaan olitti argine Isa Qulqulluu dubbii Waaqayyoo ta’uu isaa ti. Waaqayyoo karaa adda addaa saba isaatti dubbaachaa ture. Raajonni dubbii Waaqayyo biraa fudhatanii dubbachaa turan, isa dubbatan kanas barreeffamaan tursaniiruu.
-Barruu Qulqulluun waa’ee Waaqayyoo dubbata, baruullee kan biroon waa’ee waan kan biraa malee waa’ee Waaqayyoo hin dubbatan. Waa’ee Waaqayyoo baruu yoo barbaanne Barruu Qulqulluu keessa duwwaatti dubbifnee arganna. kanaaf Barruu Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ti jechuu dha. kana jechuunis dubbii Hafuuraa ti jechuu dha.
- Namoota addaan barreeffame, kana jechuunis Barruu Qulqulluun Qulqulloota namoota Waaqayyootu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee bareessee jechuudha. (2 Ximoote 3:16,2pheexi 1:20)
Qulqullootni namoonni Waaqayyoo kun akkuma dubbii Waaqayyoo biraa argatanii Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbachaa turan akkuma kana immoo Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii barreessan. Hafuurri Qulqulluun karaadhuma lamaaniin iyyuu isaan geggeesseera. Ermiyaas 1:9 “ilaa dubbii koo afaan kee keessa ka’ee “jedha Ermiyaasiin.Kanaaf raajonni dubbii Waaqayyoo dhaga’anii isuma dhaga’an sana immoo yeroo Waaqayyo akka isaan barreessaniif isaan abboomu immoo barreessuu danda’an jechuu dha.
- Afaan baayyeetti hiikameera; Barruu Qulqulluun yeroo jalqabaatiif afaan sadi’iin barreeffame, isaanis; Afaan Ibirootaa (Hebrew), Afaan Grikii (Greek), Afaan Aramaayikii (Aramaic) ti.
-Yeroo sanaa jalqabee afaanoota hedduutti hikameera. Hanga ammaattis hikamaadhuma jira. Yeroo ammaa kana akka tilmaamamutti gara afaan 2,287 tti hiikameera. Kun waggaa saddeeti dura kan tilmaamameedha. Baruulee kan biraan Barruu Qulqulluu bira yeroo qabamu amma kana kan afaan garaagaraatti hiikame hin jiru.
- Barruu Qulqulluun namoota Waaqayyoof bitamaniin afaan isa kan biraattis hiikame. Warri afaan adda addaatti hiikan akkuma warra jalqaba barreessee namoota Waaqayyoof bulan Waaqayyootti kan amananiidha malee namoota akkasumaanii miti. Kanaaf Barruu Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ti.
- Barruu Qulqulluun umuuriidhaan barullee kan biraa irra baayyee kan tureedha. Yoo xiqaate waggoota 4000 gara booddeetti achi deebi’a. Garuu amma ammaatti hin dulloomne amma ammaattis haaraa dha. Barri itti hin darbu. Baruullee kan biraan umurii kana lakkaa’uu hin dandeenye.kun Barruu Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta’uu isaa nu hubachiisa.
- Gaaffii keenyaaf deebii ga’aa keessaa arganna.
Fkn; – eessaan dhufe?
-maaliifan as jira?
-eessan dhaqa? Kan jedhu hundumaaf deebii of keessaa qaba.
- Ergaan Barruu Qulqulluu kana keessa jiru wal hin faallessu. Barruu Qulqulluun baruullee 66 of keessaa qaba, Baruulleen kun hundinuu waggaa 1450 K.D- 95K.B gidduutti barreffaman kana jechuun waggoota 1600 keessatti barreeffaman, naannoftuu dhalootaa 60 ta’uu danda’a (60 ganerations), namoonni barreessan kunis gara namoota afurtamaa (40) ta’u, sadarkaa jireenya isaaniitiin adda-adda, fkn; mootota, iyyeessota, beektota, qurxummi qabduu, ogeessota keessaas turan.
-Iddoo jireenya isaaninis adda-adda, aadaa fi amala addaas qabu turan, yeroodhaanis adda- adda; kaan yeroo waraanaatti kaan yeroo nagaatti barreessan biyyoota adda addaa keessattis barreeffaman namoonni barreessan kun lafa itti wal argan hin qaban. Hata’u malee ergaan isaan of keessaa qaban wali hin faallessu, ergaa giddu galeessa tokko qabu baruulleen 66 kun, kunis jaalala Waaqayyoo ilmaan namootaa fayyisuudhaaf qabu of keessaa qabu jechuudha.
- Barruu Qulqulluun afaan garaagaraatti hiikamee namoota baayyee bira ga’eera. Ammuma afaan garaagaraatti hiikame namoota hedduu bira ga’eera jechuudha.
- Barruu Qulqulluun baruullee kan biraa caalaa ari’atameera, garuu amma har’aatti hin banne ari’atama baayyee keessa darbee jiraatee as ga’e, Yeroo baayyee gubameera, awwaalameera, ukkamfameera. Mootummaa Roomaa (Qeesaar Neeroo) jalqabee amma ammaatti ari’atameera. Har’a iyyuu biyyoota koomnizimii geggeessan keessatti ari’atamaa jira garuu amma ammaatti hin balleeffamne. Kun dubbii Waaqayyoo ta’uu isaa nu hubachiisa.
- Barruu Qulqulluun barsiisa of keessaa qabuun adda; Raajii dha, Baruulee kan biraan sagalee raajii of keessaa hin qaban. Raajii jechuun waan si’achi ta’uuf jiru jechuu dha, kanaaf Barruu Qulqulluun waan kanaan dura ta’ee darbe akkasumaas waan si’achi gara fuula duraatti ta’uuf jirus of keessaa qaba, kanaaf sagalee raajii ti jechuudha.
- Namni inni hin ilaallanne hin jiru. nama guddaa, ijoollee, dhiira, dubartii, jaarsa. beekaa, qotee bulaa, hojjetaa mootummaa, gurraacha, adii, iyyeessa, sooressa, utuu hin jedhiin ergaa hunduma kanaaf ta’u of keessaa qaba jechuu dha. Kanaaf dubbii Waaqayyoo ti jechuudha.
Barruu Qulqulluun iddoo gurguddaa lamatti hirama
Barruu Qulqulluun kutaa gurguddaa lamatti qoodama: 1. Kakuu Moofaa
2.Kakuu Haaraa
Kakuu Moofaan; Hojii Waaqayyo saba isaa wajjin Kiristoos fuula dura hojjechaa ture nama barsiisa.
Kakuu Haaraan; Dhalachuu Gooftaa keenya Yesuus kiristoosii jalqabee waa’ee jireenya isaa, hojii ergama isaatii, fayyisuu isaa, warra dhukkubsataniif dhiifama cubbuu gochuu isaa, fannoo irratti du’uu isaa, du’aa ka’uu isaa, gara Waaqaatti ol ba’uu isaa, waa’ee debi’ee dhufa isaa of keessaa qaba. Akkasumas, hojiin fayyisuu isaatiifi dhiifamuu cubbuu inni gochaa ture karaa warra isaa duukaa bu’anii isa irraa barachaa turan karaa ergamoota itti fufuu isaa dubbata.
-Warri isa duukaa bu’anii isa irraa barachaa turan warri inni ergamoota godhee isaan erge dinqii gurguddaa isaan hojjetan, hojii ergamootaa fi ergaa ergamootaa keessatti barreeffamee argina jechuudha. Yoo anatti amantan ana caalaa iyyuu gochuu in dandeessuu akkuma inni jedhee ture ergamoonni isaa dinqii gurguddaa gochaa turan. (Yohaannis 14:12)
– Walumaa galatti egaa kakuu haaraan waggoota 50 gidduutti barreeffame. kunis Kiristoos booddee waggaa 50-100 gidduutti ture.
Barruu Qulqulluu qorachuu
Barruu Qulqulluu maaliif qoranna?
- Barruu Qulqulluun karaa nuyi ittiin walitti dhufeenyaa Waaqayyoo wajjin qabaachuu dandeenyu keessaa isa tokko. Namni karaa dubbii Waaqayyoo fi karaa kadhannaa Waaqayyoo wajjin wal-arguu danda’a. Yeroo Barruu Qulqulluu dubbifannu Waaqayyoo wajjin karaa dubbii isaati wal-argina, isaa wajjin duddubbachuu keenya jechuu dha.
-Barruu Qulqulluu qorachuun karaa nuti eenyummaa Waaqayyoo ittiin beekuu dandeenyu keessaa isa tokko. Maal akka inni fakkaatu, barsiisa isaa, gorsa isaa, akeeka isaa, abdii isaaf guddummaa isaa nu hubachiisa.
-Barruu Qulqulluu qorachuun Waaqayyootti nama hidha jechuu dha.
- Barruu Qulqulluun waa’ee jireenya barabaraa nu barsiisa. (Yoha 5:39-40, 6:63)
-Waa’ee Yesuus Kiristoos isa jireenya barabaraa ta’ee beekuudhaaf Barruu Qulqulluu qorachuu nu barbaachisa. (Hojii Erg.17:2-3)
- Barruu Qulqulluun hundee raajii hundumaa ti. Barruu Qulqulluu hin qorannu taanaan waan ergaa raajii isa dageenyu ittiin adda baafannu hin qabnu. Ergaan raajii ergaa Barruu Qulqulluukeessa jiruu wajjin walii hin galle raajii dhugaa miti. Raajiin inni kam iyyuu hundee isa ta’ee ergaa Barruu Qulqulluu keessa jiruu wajjin walii-hin galu taanaan rajii dhugaa miti, barsisi kanaa wajjin walii hin galu taanaan dhugaa miti. Kanaaf Barruu Qulqulluu qorachuun raajii isa dhugaa ta’eef isa dhugaa hin ta’in akkasumas barsiisa isa dhugaa fi isa dhugaa hin ta’in adda baafannee hubachuudhaaf nu gargaara. Yeroo baayyee namaoonni walalchifaman warra hundee isa ta’ee Barruu Qulqulluu sirriitti hin qorannee dha. kanaaf Barruu Qulqulluu keenya sirriitti gadi Fageessinee qorachuun nu barbaachisa.
- Barruu Qulqulluun hundee tajaajila keenyaa ti.
-Dubbii Waaqayyoo hin qorannu taanaan waan ittiin tajaajillu hin qabnu. Waaqayyo Musee Yeroo waamee ulee tokko itti kennee isa erge, (Ba’uu 4:2-3)
-uleen nuti ittiin saba Waaqayyoo tajaajiluu waanti kan biraan hin jiru dubbii Waaqayyoo ti malee. (Iyyaas 1:9, Fakke. 4:20-21, Ermiyaas 15:16, Yoha 6:63,1Pheex 2:2)
-Namni nan tajaajila jedhu tokko dubbii Waaqayyoo duraandursee nyaachuu isa barbaachisa. Ermi 1:9, Hizqi 2:8-3:3-4, Mul.Yoha 10:8-10)
- Barruu Qulqulluu qorachuun karaa nuti ittiin jireenya Hafuuraa keenyaatti ittiin guddanuu dha. Ittiin jireenya Hafuuraatti guddachuudhaaf (1Phex. 2:2-3)
Nyaata Hafuuraa ti. Namni akkuma buddeena malee jiraachuu hin dandeenye, dubbiin Waaqayyoos jireenya Hafuuraa keenyatti ittiin gudachuudhaaf nu barbaachisa. Mucaan dhalate tokko xinnumaa isaatti aannan dhuguu isa barbaachisa. Akkasumas erga nama ga’aa ta’ees nyaataa ciccimaa nyaachuu itti fufa. Namni hafuuratti dhalachuu isaatii jalqabee amma nama ga’aa ta’utti nyaati dubbii Waaqayyoo isa barbaachisa jechuu dha. Yeroo baayyee namoonni jireenya hafuuraatti gudachuun barbaadaa naaf kadhaa jedhu, kun gaariidha garuu dubbii Waaqayyoos sirriitti nyaachuun barbaachisaa dha.yoo kana ta’uudhaa baate jireenyi hafuuraa kachachalaa ta’a. (Maate 4:4,1pheexi 2:1-2,1Qoro 3:1-2,2ximo 3:14-17, 2Pheexi 3:18, Erm 15:16)
- Ittiin diina keenya isa ta’e Seexana of irraa loluudhaaf. Dubbiin Waaqayyoo meeshaa lola Hafuuraa keessaa isa tokko. Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos gaafaa Seexanni isa Qore dubbii Waaqayyootiin of irraa isa ifate. (Maate 4:1-11, Efesoon 6:17)
Nus dubbii Waaqayyoo qorannee kutaa Barruu Qulqulluu keessaa yaada keenyatti yeroo qabannuu, qoramsa gara yaada jireenya keenyaa dufu ittiin of irraa loluudhaaf dubbiin Waaqayyoo nu barbaachisa jechuudha.
- Dubbii Waaqayyoo ofii keenyaa akka gaariitti hubannee dhaloota dhuftutti dabarsuudhaaf; (keessadeebii 6:6-7,)
- Qajeelfama jireenya keenyaa ti. Barruu Qulqulluun hudee qajeelfama waldaa Kiristiiyaanaati.
Waldaan Kiristiyaanaa Hundeen amantii isheetii fi hundeen qajeelfama isheetii Barruu Qulqullu dha. (Fakkeenya 7:1-5, Iyaasuu 1:6-9, Faarsaa 119:105,130, Keessadeebii 6:6-9). Akkuma kana jiireenyaa dhuunfaa keenyaa keessattis dubbiin Waaqayyoo nu qajeelchuudhaaf humna qaba. Guyyaadhaa gara guyyaatti dubbiin Waaqayyoo qajeelfama jireenyaa kan nuti ittiin qajeelfamnuudha.
- Namoota warra kaan ittin gorsuudhaaf. Dubbii Waaqayyoo ofii keenyaa hin beeknuu yoo taane warra kaan waan ittin gorsinu hin qabnu. (Qola 3:16)
- Ittiin cubbuu irraa of eeggachuuf, qulqullaa’uudhaaf (Faar 119:11; Yoha.17:17)
- Obsaa fi jajjabina fi abdii akka argannuuf, nu barsiisuufis nu gargaara waan ta’eef (Roma 15:4)
- Amala attamii qabaachuun akka nuuf ta’u beekuudhaaf nu gargaara (1Ximo 3:14-15)
Akkaataa ittiin Barruu Qulqulluu qoratan
Barruu Qulqulluu qorachuu jalqabuu keenya fuula dura attamittiin qorachuun akka nuuf ta’u
hubachuun baayyee barbaachisaa dha. Barruu Qulqulluu dhuunfaa keenyattis ta’e gurmuudhaan qorachuun jira. Barruu Qulqulluu akka baruulee kan biraa qorannutti
qorachuu hin dandeenyu. Barruu Qulqulluun dubbii hafuuraa ti. Dhoksaa oogummaa Waaqayyoo of keessaa qaba (Keessadeebii 29:29). Kanaaf akkuma argine calluma jennee banannee dubbisuun gaarii miti.
Kanaaf duraandursinee itti yaaduun kan nu barbaachisu;
- Waaqayyoon duraan dursinee Kadhachuu dha; Hafuurri Qulqulluun dhoksaa isa keessa
Jiru ija hafuuraa keenyaa banee akka nuuf ibsuuf kadhachuun baayyee barbaachisaa dha.
(Yona 5:39, H. Erga 8:29-36, Luqa 24:45)
-Hafuurri Qulqulluun inni warra akka isaan Barruu Qulqulluu barreessaniif isaan geggeessaa ture Yeroo nuti Barruu Qulqulluu keenya qorannuu dhoksaa dubbicha keessa jiru akka nuti gadi fageessinee hubannuu nu geggeessa. kanaaf yeroo hundumaa Barruu Qulqulluu keenya qorachuu jalqabuu fuula dura geggeessaa Hafuura Qulqulluu kadhachuun baayyee nu barbaachisa.
- Garaa keenya qopheessuu dha; Barruu Qulqulluun dubbii Waaqayyoo isa humanna hojjetu of Keessaa qabuudha waan ta’eef duraan dursinee garaa keenyaa qopheessuutu nu barbaa- chisa. Dubbicha fudhachuudhaaf of qopheessuu jechuudha. H. Erga 17:11 “dubbicha fudha- huudhaaf qophaa’anii” jedha (Hibiroota 4:12). Waaqayyoo waan hundumaa irraa garaa keenya barbaada.
- Eessaa akka jalqabnu murteeffachuu; kun waanta baayyee barbaachisaa dha. Barruu
Qulqulluu qorachuu utuu hin jalqabini eessaa akka jalqabnu beekuun gaariidha. Calluuma
jennee lafuma barbaannee jalqabuun toraa nu jalaa dhaba. Lafa geenyes beekuuu nu rakkisa.
kanaaf tooraan duukaa buunee qorachuu yoo barbaannee eessa jalqabuun akka nuuf ta’u yoo beekne baayyee barbaachisaa dha. Yeroo jalqabaatiif yeroo Barruu Qulqulluu keenya qorachuu jalqabnu jalqabumaa Kaafnee qorachuu itti fufuu in dandeenya. Garuu, baayyee inni filatamaan kakuu haaraa irraa yoo jalqabne gaariidha. Akkasumas baruullee warra gaggabaaboo ta’an irraa eegaluun baayyee fila tamaa dha. fakkeenyaaf; Ergaa Yaa’iqoob, Titoo,1pheex, ykn 1yohaannis irraa yoo jalqabne gaariidha.
- kutaa irraa jalqabnu sana duubbisuu; Kutaa dubbifnu sana sirriitti hiikkachuudhaaf gaaffii
tokko tokko gaafachuun barbaachisaa dha. kunis gaaffileen nuti gaafannu;
a. Eenyutu barreesse?
b. Eenyuuf barreeffame?
c.Eessatti barreeffame, inni barreessu kun eessa utuu jiruu barreesse? haala attamii keessa utuu jiruu barreesse? warri inni barreessuuf kun immoo eessa jiru? haala
akkamii keessa jiru?
d.Yoom barreeffame?
e. Maaliif barreeffame?
f. Ergaa maalii of keessaa qaba jireenya koo tiif (life application)
Gaaffiillee kana yeroo gaafattu deebbii battalaa argachuu dhiisuu dandeessa. Hata’u malee kutaa sanaa fi barruu (macaafa sana guutummaa isaa) irra deddeebitee dubbisuudhaan akkasumas waa’ee barruu sanaa ilaalchisee ibsa namoonni kan biraan barreessan baruullee tokko tokko dubbisuudhaan darbee immoo kuusaa jechootaa ilaaluudhaan waa’ee kutaa sanaa ykn barruu sanaa seenaa isaaf ibsa isaa argachuu dandeessa jechuu dha.
Barreessitoonni Barruu Qulqulluu barreessan ergaa Waaqayyo biraa fudhatan sana namootaa yeroo sanaatti dubbatan akkasumas adaa fi haala yeroo isaanii keessa taa’anii barreessan.Isaan ykn namoonni yeroo sana turan nuyi warra har’a dubbifannu caalaa akka gaariitti hubachuu danda’u.Sababiin isaas ergichi yeroo sanaa fi adaa isaan keessa jiran keessatti barreeffame sababii ta’eef.Fakkeenyaaf,Magaalaan chikkaagoo attamittiin akka isheen hundoofte eenyufaa akka iddoo kanatti mana isa jalqabaa akka ijaaran kan sirriitti beeku nu caalaa warra yeroo sana turanii dha.Isaan irraa yoo dhageenye malee,ykn waa’ee yeroo sanaa waan barreeffamee kaa’amee yoo dubbifne malee sirriitti hubachuun baayyee nu rakkisa.
Macaafonni Barruu Qulqulluu keessa jiran seenaa keessatti barreeffaman qabu. Kanaaf Barruu Qulqulluu hubachuudhaaf ykn hiikaa guutuu argachuudhaaf duraandursinee ergaan sun jalqaba kan barreeffameef jireenya namoota sanaa qorachuutu ta’a. Akka kanatti hiikaa yeroo sana ture yeroo argannu amma yeroo keenyaaf ergaa inni qabu akka gaariitti hubachuu dandeenya.
Adeemsa nuti seenaa qorachuudhaaf
gara booddee deebinee goonu
↓
Achi ——————————————————————→ as
Yeroo sana ←—————————————————————— Yeroo ammaa
↑
Ergaa nuti amma seenaa yeroo sana
ture irraa argannu
Nuyii kan jiraachaa jirru amma yeroo kana. Kanaaf yeroo hundumaa yeroo Barruu Qulqulluu qorannu achi gara booddee deebinee wa’ee seenaa yeroo sanaa qorachhuudhaan yeroo amma keessa jirruu wajjin walitti fidnee ergaa isaa hubachuu dandeenya. fakkeenyaaf 1Qoronx.11:4-15, isa jiru ilaalla. Dubartiin(obboleettonni)waldaa Kiristiyaanaa keessatti mataa ishee irratti maal uffachuu akka isheen qabdu dubbata? Maaliifis akkas jedhame sitti fakkaata? Kiristiyaanonni muraasi kutaa kana caqasuudhaan har’as dubartoonni Waldaa kiristiyaanaa yeroo ol-seenan rifeensa mataa isaanii aguuggachuu qabu jedhu.Garuu kun hiikaa yeroo sana inni saba sanaaf qabuu dha.Kana jechuunis yeroo sana magaalaa sana(qoronxos)kan jiraatan adaa akkasii qabu turan(dubartiin refeensa mataa ishee aguuggachuu qabdi ture).Dubartiin utuu rifeensa mataa ishee hin aguuggatin yoo adeemte bakkee magaalaa keessatti yoo argamte dubartii gad-dhiisii(sagaagaltuu) akka taatetti ilaalamti.kanaaf dubartoonni wangeela dhaga’uudhaan lubummaa argataniin rifeensa mataa isaanii utuu hin aguuggatin adeemuu waan jalqabaniif kun mormii kaasee ture.Kana hanbisuudhaaf ergamtichi Phaawuloos rakkoo kana hanbisuudhaaf gorsa kana utuu inni kennuu argina.Kanaaf ergaa kana irraa har’aaf kan nuuf ta’u ergaa attamii irraa argachuu dandeenya?Dubartiin yoo rifeensa mataa ishee hin aguuggatiin adeemte akka dubartii gad-dhiisiitti ykn akka sagaagaltuutti ilaalamtii? Gaaffii jedhutti nu geessa. Har’a rifeensa mataa aguuggachuu fi dhiisuun dubartootaa waan nu argisiisuu hin qabu. Irra caalaa kutaa kana irraa ulfinaa Waaqayyoof waan hin taane irraa dhiirotaa fi dubartoota kan guffachisu irraa of eeggachuun akka nu irra jiru hubachuu dandeenya.
5ffaa. Barruu Qulqulluu amantiidhaan hubadhu
“—isaan warra amantiidhaan dhaga’anitti waan hin dabalaminiif dubbichi dhaga’ame sun isaan hin gargaarree”( Ibi 4:2).Barruu Qulqulluun kan namoonni Waaqayyoo Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii barreessan dubbii Waaqayyoo isa jiraataa dha.kanaaf jiraataa dha humana hojjetu of keessaa qaba.(2Phex.1:21,Ibi.4:12,Erm.23:29,Isaa.55:10-11).Dubbii Waaqayyoo akka barruullee kan biraa kan namoonni kan biraan barreessanitti ilaaluun nuuf hin ta’u.Barruu Qulqulluu akka dubbii Waaqayyoof jiraataa ta’ee akka inni hojjechuu danda’u amannee kan qorannu yoo taane humna isaa fi danda’ummaa isaa jireenya keenya keessatti mi’eeffachaa adeemna.Tarkaanfiin amantii kun immoo dubbicha dhageenyee gochuu keenyaan kan mul’atu ta’a.Dubbicha dhageenyee raawwachuudhaaf qophaa’uu keenya inni argu Waaqayyoo dhoksaa dubbii isaatii bane dubbii isaa keessaa dinqii nutti argisiisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’aa dha(Faar. 119:18,130). Dhugaa nutti argisiisuudhaaf gara dhugaattis kan nu geessu barsiisaan keenya Hafuurri Qulqulluun hiiktuu Barruu Qulqulluu isa dhugaa dha(1Qoro.2:10-14,13-14). Akka Maate.21:22 irratti ibsametti waanta amantiidhaan kadhanne Waaqayyo biraa in fudhanna kanaaf Hafuurri Qulqulluun amantiidhaan dubbii isaa akka nuuf ibsuuf yeroo gaafannu nuuf ibsuudhaaf yeroo hundaa qophaa’aa dha. (Yoha.14:25-26).
6ffaa.Barruu Qulqulluu shif-argaa (Microscope) seeraa fi wangeelaatiin qoradhu!
Barruu Qulqulluu keessa bayyee ifanii kan mul’atan barumsa hundee qaban lama argina.Isaan kunis;seeraa fi Wangeela.Seerri cubbuu keenya nutti mul’isuudhaaf Wangeelli immoo fayyina keenya nutti mul’isa.Seerri rakkina keenya nutti mul’isa,fayyinas akka nu barbaachisus nutti hima.Akkasuma immoo sababii cubbuu keenyaaf waan nurra ga’u nutti argisiisa.Wangeelli gara du’aatti isa nugeessu dhukkuba cubbuuf fayyinna akka qabnu kan nutti himu sagalee misiraachoo ti.Wangeelli Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina isa nuuf ta’e kan nuuf mirkaneessu dha (Gala. 3: 19-29). Kanaaf Kutaa Barruu Qulqulluu keessaa kutaa qorannu kamiin iyyuu seeraa fi wangeela ta’uu isaa sirriitti ilaallee qorachuun gaarii dha. Kana yeroo goonuu gaaffilee kanatti fufanii jiran kaafnee kutaa sana gaafachuudhaan ta’a.
- Kutaa kana keessatti kan caqafame jireenya koo keessa dhokatee ykn mul’inatti qalbii koo jijjiradhee akkan irraa deebi’uuf kan Hafuurri Qulqulluun na akeekkachisuu cubbuun isa kam (maaltu jira?).
- Kutaa kana keessa kakuun Waaqayyoo naaf galu maal?
- Sagalee abdachiifame kana dhaaluudhaaf maal gochuun akka naaf ta’u na akeekkachisa?
Kutaa murta’e tokko keessaa inni kam seera inni kam immoo Wangeela akka ta’e adda adda baasanii hubachuun salphaa ta’uu dhiisuu in danda’a, ykn immoo kutaalee dubbifnu hundinuu seera ykn wangeela jedhanii adda baasuun hojii keenya ta’uu dhiisuu danda’a. Garuu kana isa gochuu danda’u Hafuura Qulqulluudhaaf garaa keenya bannee yoo dubbifne inni dubbii isaatiin waa’ee cubbuu keenyaaf nuu cepha’uudhaan karaa eebbaa fi fayyinaa nu argisiisuudhaaf amanamaa fi qajeelaa dha.
Tuqaalee armaan olitti ilaallee kana akka armaan gad jirutti qaphxiilee kudhan kan ta’aniin gudunfuu yaalla. Isaan kana akka tartiiba isaaniitti hubachuuf duukaa buunee ittiin fayyadamuun baayyee nu gargaara.
- Kutichaa wajjiin dudubbadhu, irra deddeebi’ii dubbisi, kutichuma gaaffii gaafadhu, gaaffiikeefis deebii argachuudhaaf carraaqi.
- Kutaan sun maal jedha? Waliigalli ergaa kutaa sanaa maal akka ta’ee hubachuu yaali.
- Ergaan kutaan sun qabu inni jalqabaa maal? Ergaa inni namootaa warra jalqabaa barreeffameefiif qabu maal akka ta’e qoradhuu.
- Hiikaalee kan biraa ilaali. Fakkeenyaaf hiikaa afaan oromo isa haaraa ykn afaan kan biraatii kan barreeffaman hiikaalee Barruu Qulqulluu ilaali.
- Kutaa sanaa wajjin kan walitti hidhaman kutaalee Barruu Qulqulluu kan biraa caqasii ilaali. Yeroo Baayyee kun fuula kutaan sun itti argamu jala isaa ykn gara moggaatti argina. Itti dabalees galmeen luqisii Barruu Qulqulluu(concordance)akka gaariitti nu gargaaruu danda’a.
- Kutaan sun bifa barreeffaamaa isa kamiin akka barreeffame hubadhu, (walaloo? fakkeenyaa? seenaa? raajii dha?)
- Kutaa sana keessatti kan argaman jechoonni hiiktuu ta’an isaan kam? isaan kamtu irra deddeebi’ame? Hiikaan isaan kanaas maal akka ta’e hubadhu.
- Beektonni Barruu Qulqulluu warri kan biraan waa’ee kutaa sanaa ibsa isaan kennan (Commentary) akka jiru ilaali. Kutaa sana irraa ergaan ati hubatte isaanii wajjin tokkummaa inni qabu fi garaagarummaa isaa hubadhu.
- Yaada kutaa sanaa jecha gaggabaabaadhaan tooraan barreessi.
- Baruumsa jireenyakeef achii keessaa argatte gabaabsii barreessi, dubbisi, yaadaan qabi, itti yaadi hojiitti hiiki (itti jiraadhu). Dhugaa gochuudhaaf dhugaattis jiraachuun galma qorannaa Barruu Qulqulluu waan ta’eef.
Fakkeenyota Qorannaa Barruu Qulqulluu
Qorannaa 1ffaa
Kutaa Qorannichaa– Yohaannis 4:7-27
Akeki qorannoo kanaa– Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos boqonnaa barabaraa kan kennu jireenya hiika hin qabneef hiika kan kennu ta’uu isaa hubachuuf.
Gaaffilee irratti mari’atamu
1.Gooftaan dubartii kanaan bishaan anaaf kenni kan inni jedheef maaliif sitti fakkaata?
Dubartiin kun gaaffii isaa kan isheen dinqisiifatteef maaliif sitti fakkaata?
2. “———–Bishaan yeroo hundumaa jiraatu siif kennaa ture” jecha jedhu dubartiin kun akkamitti hubatte sitti fakkaata?
-Akka yaada isheetti bishaan jireenyaa argachuudhaaf Gooftaa kan barbaachisu maal?
3. Gooftaan kan inni dubbaatuuf kan isheen yaaddu “bishaanni jireenyaa” garaagarummaan isaa maal akka ta’e ibseef?
-Garaagarummaa isaa erga ibsee booda bishaan kana yeroo hundumaa naaf kenni kan isheen jetteef sababiin isaa maaliif sitti fakkaata?
- Waa’ee gaa’ela ishee dubbii inni dubbate keessatti dubartii kana kan dinqisiifachiise maal ture?
- Gooftaan waa’ee waaqeffannaa dhugaa isa ta’ee dubartii kana kan inni hubachiise maal?
- Dubartiin kun hundumaa nutti himaa jettee kan isheen eegdu eenyuu dha?
Jireenya ofii madaaluu
# Gooftaa Yesuusitti amanuun kee boqonnaa barabaraa akka siif kenne in hubattaa?
#Gooftaadhaaf jireenyi kee kun hiika kan hin qabne ta’uu isaa hubadhu
#Gooftaan eenyummaa isaa akka ati hubattuuf karaa adda addaa akka sitti dubbachuu danda’u hubadhu
#Waanti dhokataan tokko illee hin jiru. Kanaaf isa jalaa dhokattee waan tokko illee gochuu hin yaalin. Irra caalaa waan si rakkisu qabadhuutii isa fuula duratti dhiyaadhu gaaffii keef deebii siif kenna.
Qorannaa 2ffaa
Kutaa qorannichaa; – Maate 6:24-34
Akeeki qorannaa kanaa; Ijoolleen Waaqayyoo duraandursanii Mootummaa Waaqayyoo barbaaddachuu akka qaban akkasuma immoo akka warra abdii hin qabneett dhiphachuu akka hin qabne hubatuu.
Gaaffilee qorannichaa: – Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Horii fi Waaqayyoon maaliif waldorgomsiise sitti fakkaata?Horiin maal akka hojjetu namoonnis akkamitti ykn dhimma maaliif akka isaan itti waa’ee ba’an caqasi. Dhalli namaa biyya lafaa kana irratti maal fa’itti akka dhiphaatu caqasi.Gooftaan Iyyesuus fakkeenya waa’ee sinbirrootaa fi daraaraa fudhatee dubbate keessatti waa’ee maalii ibsuu barbaadee ti?Gooftaan Iyyesuus deddeebi’ee hin yaadda’inaa YKN hin dhiphatinaa Kan inni jedheef maaliif?Waaqayyoo ijoolleen isaa duraandursanii Kan isaan barbaadu qaban maal akka ta’e dubbata?Duraandursinee mootummaa Waaqayyoo fi tola isaa yemmuu barbaaddanu maaltu nuuf ta’a? |
Of madaaluu Mucaa Waaqayyoo akka taate yeroo hundumaa in yaaddaa? Ykn akka warra abdii hin qabnee dhiphatta jireenya keef? Umama isaa Kan ta’aniif inni yaadu Waaqayyo siifis akka inni yaadu hubadhu.Waan hundumaa dura Kan ati barbaaddu maali? Mootummaa Waaqayyoof qajelummaa isaaf dursa in laattaa?Duraandursitee fedha Waaqayyoo fi waan inni jaallatu yeroo barbaadduu waanti foon keef barbaachisu immoo akka siif guutuu hin dagatin. Qorannaa 3ffaa Kutaa Qorannichaa: – Luqaa 15:11-24 Akeeki Qorannichaa: – Ijoolleen Waaqayyoo mana Waaqayyootii yeroo ba’an akka isaaniif hin qajeelle Boqonnaa Hafuuraa akka hin arganne kanaaf Kiristiyaanonni kana akka hubatan fi kan deeman deemuus kan yaadan yoo jiraatan qalbii diddirrachuudhaan deebi’uu akka qaban hubatu. |
Gaaffii Qorannichaa: – 1. Ilmi inni qotisuun (xiqqaan) mana abbaa isaatii horii (qabeenyaa) isa ga’u qooddatee deemuu kan inni barbaadeef maaliif sitti fakkaata? 2. Mucaan kun biyya adeemetti kan inni dhiphachuu jalqabeef maaliif ture? -Rakkina isaaf beela isaaf naaf ta’a jedhee kan inni gochaa ture maalfaa ture? 3. Mucaan kun gara garaa isaatiitti deebi’ee kan inni hubate waa’ee maalii ture? 4. Mana abbaa isaatii waanti hundinuu akka guute erga hubatee booda maal gochuudhaaf murteeffate? 5. Mucichi murtoo murteeffate keessatti yaadi inni ibsuu barbaade maal? Murtoo isaa booddee tarkaanfii maalii fudhate? 6. Abbaan isaa debi’uu mucaa isaatii akkamitti eegaa ture sitti fakkaata? 7. Abbaan isaa debi’uu mucaa isaatitti kan inni gammade maaliif ture? |
Of madaaluu 1. Jireenyi Gooftaa malee jiraatan maal akka fakkaatu kutaa kana irraa maal hubatte? 2. Gammachuun biyya lafaa Gammachuu isa kan mana Waaqayyoo keessa jiruu irra kan caaluu sitti fakkaatee yeroon ati deemuu barbaadde tureeraa? Yoo akkas ta’e maal goote? 3. Akka kutaa kana irraa hubatetti warra mana Waaqayyootii ba’an ba’uufis kan jiran maal gorsita? Qorannaa 4ffaa Luqaa 10:25-37 Akeeka Qorannichaa: Kiristiyaanonni fakkeenya Kiristoos fudhachuudhaan warra isaan jibban jaallachuudhaan, gaariigochuufii akka qaban hubachuutuu ta’aaf. Seensa: –Kiristoos biyya lafaa kana irra yeroo ture warri samaariyaaf Yihudonni wali hin jaallatan turan. Waliiwajjins tokkummaa hin qaban turan. Yihudonni warra samaariyaa in cepa’uu turan akka hirmiitti ilaalu turan. -Leewwi jechuun qomoo Leewwii keessaa Hojii mana Qulqullummaa tajaajiluuf adda kan ba’e jechuu dha. Gaaffilee mare: Namichi seera beekaan Kun Yesuusiin maaliif gaaffii gaafate sitti fakkaata? Gaaffii inni gaafates waa’ee maalii ture?Gooftaan Iyyesuus Kiristoos deebii utuu isaaf hin kennin dura waa’ee seeraa akka inni ibseef mul’ataadha. Gooftaan Kan inni kana godheef maaliif?Ogessii seeraa Kun gaaffii inni dabalee gaafate waa’ee maalii ture? Gaaffii kana maaliif gaafate?Seenaa Gooftaan dubbate kana keessatti namichaa isa reebame kana dhiisanii Kan sokkan eenyufaa turan?Harka warra saamtotaa isa afaan bu’ee ture kanaaf gaarii Kan godhe eenyu ture? Namichii samaariyaa Kun namichaa midhame kanaaf waan inni godhe kana yeroo yaadduu waa’ee maalitu sitti yaadatama?Ogessi seeraa Kun dubbii Gooftaan barsiise kana irraa maal barate? Barateeraa? Of madaaluu: Kutaa kana irraa waa’ee Nama akka ofii maal baratte? Warra sanyiidhaan, afaaniin, amantiidhaan sittii adda ta’an yeroo itti dhiyaattu akkamitti ilaalta?Warra si jaallatan duwwaa yoo jaallatte, jaalalli waaqayyoo siin akka mul’achuu akka hin dandeenye hubadhu.Kanan dura namni sijibbu rakkinatti kufee yeroon ati argite tureeraa? Yoo akkas ta’ee maal gooteef? Kanaan booddee maal gochuufii akka dandeessu barte kutaa kana irraa? Qorannaa 5ffaa Kutaa qorannoo: Nehi. 2:1-8 Akeeka qorannoo kanaa; Kiristiyaannii hojii Waaqayyootiif hinaaffaadhaan kaanaan Waaqayyo akka isaaf raawwatu fi gaarii akka godhuuf nu hubachiisa. Ittiin lixa (Seensa): Kutaa kana keessatti akka ibsametti Masaraan Yeruusaalem Mootii Baabilooniin diigamtee turte Warri akka Nehimiyaafaa Warra booji’aman keessa turan. ____________________________________________________________________________________________________ Xuqaalee irratti mari’ataman Mana Mootichaa keessatti hojiin Nehimiyaadhaa maal ture? Yeroo mana Mootichaa keessa hojjechaa ture jireenya akkam jiraachaa ture sitti fakkaata? Nehiimiyaan maaliif gaddaa ture? Mootichis gadduu isaa maaliin bare? Nehimiyaan mana mootichaa utuu jiru waa’ee diigamuu Yerusaalemiifi rakkina qomoo isaatii (saba sana) yeroo dhaga’e maaliif gadde sitti fakkaata? Lakko. 4 Irratti “Maal gaafachuu barbaadda?” yeroo inni jedhe deebii utuu hin kenniniif dura akka inni kadhate argina maaliif waa’ee maalii waan kadhate sitti fakkaata?Nehimiyaan mooticha maal akka inni kadhate caqasi? Kana hundummaa utuu hin sadaatin akkamitti gaafaate jettee yaadda? Namni gadda qabu Nehimiyaan yeroo Kun hundumtuu ta’uuf maaltu itti dhaga’ama jettee yaadda? Fuula isaa irraas maaltu mul’ata? Of-Madaaluu *Haalli ati keessa jirtu gaarii yoo ta’e jireenyis yoo siif mijate rakkoos yoo hin qabdu ta’e sabni Waaqayyoo fi hojiin Waaqayyoos yoo miidhame maaltu sitti dhaga’ama? *Waa’ee hojii Waaqayyoof dhimmitee yoo kaate Waaqayyo ammam akka inni siif raawwatu hubateettaa? Nehimiyaan kun hundininuu kan inni fiixaan ba’eef Fuula Gooftaa dura sababa tureef sababa kadhateef akka ta’ee hubattee? Atis Waa’een hojii Gooftaa baayyee si dhibee in kadhattaa? Qorannaa 6FFAA Kutaa qorannichaa Fakkeenya 1:1-19 seensa; – Macaafni fakkeenyaa kun jireenya keenya Hafuuraatiif kan nu barbaachisan yaada hunddee qaban fakkeenya jireenyaa keenya keessatti guyyaadhaa gara guyyaatti ta’aniin qabeeti nu barsiisa. -Sababiin macaafni kun caafameef namni oogummaa akka argatuuf. Fak. 1:1-6. Oogummaa jechuun beekumsaa hafuuraa duwwaa utuu hin ta’in, Namni waan hubate jireenya isaa guyyaadhaa gara guyyaatti jiraatu keessatti akka dhugoomsuuf. Akka kanatti namni adeemu Oogummaa Waaqayyoon sodaatu yookin afchaala yeroo jedhamu kanaa ala namni jiraatu garuu dhibaa’aa ykn gowwaa yookin nama jal’aa jedhama. Barsiifni kanaa wajjin wal-fakkaatu kakuu haaraa keessatti fakkeenyota Gooftaan keenya Yesuus kiristoos barsiise irraa hubachuu dandeenya. Barsiifni fakkeenyaan barsiifame inni guddaan Solomoon mootichaan yeroo dhiyaatu, kutaaleen tokko tokko garuu oogessota maqaan isaanii hin caqafaminiin akka ta’e (Fakkeenya 22:17, 34), akkasuma immoo hiikaa m/q keessatti fi kutaalee m/q keessatti kan argachuu hin dandeenye Agurii fi mooticha Limu’eel (30:1, 31:1) akkasuma immoo namoota oogessota (22:17-24:34) jedhamanii kan caqafamaniin ture.” Jalqabni oogummaa Waaqayyoon sodaachuu dha” jechi jedhu yaada macaafichaa isa giddu galeessa. Fak.1:7 1, Macaafni fakkeenyaa kun; A, eenyuuf? (4-5) B, Sababii maaliitiif? (2-6), akka caafame ibsi! 2, A) Waaqayyoon sodaachuun jalqaba oogummaa ta’uun isaa maaliif sitti fakkaata? (lakko. 7) B) Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuu akka ta’e gama keetiin akkamitti akka hubatte ibsi 3) Namni tokko qormaata biyya lafaa kana keessatti isa quunnamaan keessa darbuudhaaf qophaa’aa akka inni ta’uuf A/Itti gaafatamni maatii B) Itti gaafatamni ijoollotaa maal akka ta’an ibsi (8-9:10:15) 4) A/michoota gaggaarii hin ta’inii wajjin akka adeemnuuf kan nu toosisan sababiin maal fa’i? 10-14 B) bu’aan sababii kanneeniin harkifamuu maal? (15-19) 5) Michoonni kee jireenya kee irratti dhiibbaa akkamii qabu? Lakko. 6, Waaqayyoon sodaachuun Hafuura ijoollummaatiin amantiif abboomamuudhaan Waaqayyoon ulfeessuu jechuudha malee hafuurra garbummaatiin dhiphachuu jechuu miti. Lakko. 8 “Yaa ilma koo”; 1:8-9:18 barumsa 13 argaman keessatti 12nuu jecha kanaan jalqabu. Jalqabni Barumsa isa duraa (1:8-19) waa’ee michoota gaarii hin ta’inii akeekkachiis. Lakko 12 Sii’ol; Iddoo warri du’an jiraatan argisiisa. Qorannaa 7ffaa S. Keessadeebii 1 Seensa: Erga Museen seera gaara siinaa irratti saba sana barsiise (Ba’uu 20-40 fi Leewota) waggoonni 40 darbaniiruu Sabni yeroo sana turan lafa duwwaa irratti dhume (S. Lakkoobsa), dhaloonni warri haaraan kakuu abootaaf galamee ture lafa kakuu sana dhaaluuf isaan qopheessuudhaaf Museen ammas keessa deebi’ee seera isaan barsiise. Waaqayyo karaa Musee gaara Siinaa irratti saba Isiraa’elii wajjin kakuu dhaabe. Ammas Waaqayyo kakuu isaa sana haaressee bifa haaraadhaan akka inni babal’atu godhe. Kanaaf seerri keessadeebii bifa kakuu of keessaa qaba. dubbii kakuu kan kennu waaqayyo yemmuu ta’u kan fudhatu immoo saba Isiraa’el turan. Waaqayyo saba Isiraa’eliin biyya garbummaa keessaa baasuudhaan lubummaa akka argatan godhe. Sabni kun abboommii dubbii kakuu kanaa gammachuu fi galataan fudhatee itti jiraachuu qaba. Yoo kana godhan Waaqayyo isaan eebbisa, yoo ta’uu baate garuu isaanitti farada. Abboommi macaafa kanaa “isa darbee yaadadhaa, seera isaa eegaa; gara fuul-duraatti of eeggadhaa” yaada jedhuun gudunfuun in danda’ama. Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos seera keessadeebii yeroo 80 ol caqaseera jedhamee yaadama. Museen Saba kanatti eessatti itti dubbate? Yoomis? (1:1-5)Ergaa kana keessatti yaadi muse inni guddaan maal ture? (1:6-8)Yeroo Museen du’u Saba kana Kan geggeessu eenyuu dha? (1:9-18;38)Dhaloonni inni duraa kana’aniin maaliif utuu hin dhaaliin hafe? (1:19-46)Seenaa aboota kee fi akkaakayyuwwan kee irraa akeekkachiisa attamii argatta? Lakko. 2 Horeb; Gaara Siinaa ti Qaadesh berne’aa; biyya abdachiifamtee sana gara borootti iddoo sabni sun yeroo baayyee itti wal ga’aa turanii dha. lakko 46, Lakko 20:1, Keessadeebii 2:14 Lakko.19 tulluu siinaatii kaanees in deemne; seenaan isaa S. Lakkobsaa 10-14 keessattis in argama Lakko.37 Waaqayyos natti in dheekkame. S. Lakko 20:7-13 Qorannaa 8ffaa S. Keessa-deebii 2 fi 3 =>Seensa: Sabni Isiraa’el dhaloota warri boodanaa Horeb gaara Waaqayyoo iddoo jedhamuu ka’anii adeemsa isaanii akka isaan itti fufan yeroo adeeman immoo seerrata akkamiitiin adeemuu akka isaan qaban qajeelfama isaaniif kenname argina. Sabni Waaqayyoo calluma jedhee akkuma barbaade deema utuu hin ta’in akka Waaqayyo isa gorsetti, abboometti, mul’ata inni isaaf kenneen adeemuu qaba jechuu dha. Gaaffii maree K. Deebii 2:1-3:11 akka seennaa kutaa kana keessatti barreeffamee arginutti Isiraa’eloonni abdii maalii argatu turan?Jireenya abootaa fi akaakayyuu kee irraa abdii maalii argatta?Waa’ee lafa abdachiifame dhaaluu keessatti,1ffaa; Hojiin Waaqayyoo, 2ffaa; Hojiin saba sanaa maal ture? (K. Deebii 3:12-20Yeroo kana Museen maaliin 1. Gadduu 2. Gammaduu danda’a ture? (3:21-29?)Kadhannaa muse fi deebii Waaqayyoo irraa maal baranna? (3:24-28) 2:4-5 Ijoollee Esaawuu loluu irraa of eeggadhaa; akkasuma immoo Isiraa’eloonni ijoollee Amooniif Mo’aabotaa irratti lola akka hin kaafne S. Lakkoobsaa 20:14-21:32 irratti sirriitti ifee hin argannu 2:30 Waaqayyo garuu Sihoon Mootichi Hesheboon ——-harka kee keessa buusuudhaaf Hafuura isaa in cimse—– Waaqayyo nama akkuma amala isaatti kennaaf H. Erga 2:23, Efe 1:11 3:1-11 seenaa isaa S. Lakko.21:33-35 barreeffamee in argama 3:20 Obboloota keessan amma boqochiisutti, Faarfannaa 95:11, Ibi.3:7-4:11 3:27 Pisigaa inni jedhu jechi isaa gubbee tulluu argisiisa,34:1 |
Qorannaa 9ffaa
K. Deebii 4:1-40
1. Isiraa’eloonni abboommii Waaqayyoo hundumaa akka eeganiif sababii maaliitu kennameef? (Lako. 1-8) sagalee kakuu Waaqayyoo karaa akkamii akka eegan abboomaman? Lakko.9-14
2.Museen barsiisa ija waaqayyoolii ormaa waaqeffachuun fudu barsiise keessatti waa’ee amala Waaqayyoo maal hubatta? (Lakko.15-40
3.Isiraa’el saba kan biraa irra adda akkamitti ta’a? Lakko.32-40
4.Ati Waaqayyoof Hafuura akkamiitiin abboomamta?
5.Ati kakuu isa haaraa yoo eeguudhaa baatte maaltu si irra ga’a?
6.—-“Sagalee duwwaa malee bifa tokko illee akka hin argin” sagaleen jedhu Waaqeffannaa keef hundee aakkamii siif kaa’aa? (12-15)
Lakko. 3 ‘Ba’aal phe’oor (tulluu phe’oor) Lakko. 25:1-5
Lakko. 24 Waaqayyo Waaqa inaafaadha mirga isaaf ulfina isaa in eega.
Qorannaa 10ffaa
K. Deebii 4: 41-49; 5:1-33
=>Seensa; -Museen ergaa isaa isa jalqabaa keessatti seenaa saba Isiraa’el isa darbee yeroo yaadachiisu, Lammaffaa irratti immoo Isiraa’el kakuu Waaqayyo kenne akka eegu abboome (Kees.4:44-26:19).
1. Museen kakuu isaa utuu keessa hin deebi’in maal ta’ee ture (4:41-49)?
2. Waaqayyo kakuu isaa eenyuuf kenne? Yoom? Haala akkamiin (5:1-5)
3. Abboommiin kurnan kutaa isa kamtu jireenya namaa ilaallata? (Lakko.6-21)
4. A) Musee B) Sabni Isiraa’el waan gaara siinaa gubbaa irratti waan ta’e akkamitti fudhatan? Maaliif? (22-23)
5. Namni sanbata akka eeguuf sababii haaraan waan kennameef maal yaadatta? (Lakko. 15 Ba’u 20:11 wal bukkee qabii ilaali)
6. Ati kakuu Haaraan dhaabbachuu isaa fi kennamuu isaa akkamitti A) hundee B/akkamitti ibsita?
Lakko.21 Mana hiriyaa keetii maasii isaa—hin hawwin, Sabni Isiraa’el yeroo dhiyoottilaficha waan dhaaluuf yaadni kun itti dabalame, Ba’uu 20:17 wal bukkee qabi)
Qorannaa 11ffaa
Keessadeebii 6
1.Ati abboommiin inni guddaan akka inni raawwatamuuf maal goota? (Lakko.1-9)
2. Waaqayyoo Isiraa’eliif barakata addaa (eebba)maal kenneef? (Lakko.10-15)
3. Namni Waaqayyoon irraanfachuu kan inni danda’u haala akkamii irratti yeroo argamuudha? (Lakko. 11-12)
4. Isiraa’el filannoo akkamii qaba ture? (Lakko. 13-19), siifoo?
5. Ijoollee kee maal barsiisuu qabda? (Lakko.20-25) akkaataa akkamiitiin?
6. Boqonnaan kun waa’ee amala Waaqayyoo maal ibsa?
Ibsa: -Lakko.8, Ati akka milikkitaatti harka kee irratti isa hidhadhu! Fariisonni abboommi isaa fidalaan malee akeeka Hafuuraa isaan hin raawwanne. Maate.23:5
-Lakko.13, Ati isa duwwaa Waaqeffadhu, Maate. 4:10
-Lakko. 14-15, Waaqayyo Waaqa inaafaa dha.
-lakko. Maasaa, Ba’uu 17:1-7
-lakko. 25, qajeelummaatti nuuf in lakka’ama. Waaqayyo qajeelaadha waan ta’eef sabni isaa abboommi isaa eeguudhaan qajeelummaan isaa isaaniin in mul’ata.
Qorannaa 12ffaa
Kutaa Qorannaa kanaa; Keessadeebii 7
=>Seensa; – Museen boqonnaa kana keessatti Isiraa’el saba kan birraa irraa adda akka ta’e ibsuudhaan, sabni sun saba warra kana’aanii wajjin akka hidhata hin qabaanne isaan akeekkachiisa.
1.Isiraa’eloonni saba warra kana’aanii wajjin hidhata akkamii akka qabaatu heyyamameef? maaliif? (Lakko. 1-6)
2. Waaqayyo saba Isiraa’eliin akkamiitti ilaala? (6-11)
3. Waaqayyo akkamitti siin si ilaala? Isaaf amanamuun kee ammam?
4. Isiraa’el yeroo Waaqayyoof inni aboomamu eebba inni argatu caqasi (12-16)
5.Sabni Isiraa’el saba amma kana baayyatu akkamittiin mo’achuu danda’a? haala akkamiitiin? (Lakko.17-26)
6. Akka yaada kakuu haaraatti eebba akkamii fudhatta? Diinota kees haala akkamiitiin mo’atta?
-lakko.1, saba kana torbban, ilma kana’an, Sanyii Kaam turan (Uuma. 10:6,15-18)
-Lakko.5, Kanaaf ati iddoo aarsaa isaanii diigi——(faakkeenyaa Asheeraa Waaqa tolfmaa Waaqa dhalaa kan taate caccabsi)
-Lakko.7, Waaqayyo kan inni isin fo’ateef lakkoobsaan waan warra kaan caaltaniif miti! Jaalalli Waaqayyoo fi jalallii isaa kan inni irra dhaabatu waan birraa irra miti waan ta’eef galataan fudhachuutu nta’a.2Ximo.1:9)
-Lakko. 20, –Soonsa isaanitti erga (akka isaan boqonnaa dhaban isaan godha!) soonsa jedhamee kan hiikame hiikii isaa afaan Ibirootaan beekamaa yoo ta’uudhaa baate iyyuu jechii kun kan inni argisiisu mo’ichi Waaqayyo duwwaadhaan akka inni argamuudha. Iyaasuu 24:12
Qorannaa 13ffaa
Jireenya Hojiidhaan mul’atu
Kutaa qoranichaa: Yaa’iqob 1:22-27
Akeeka qorannaa kanaa; Kiristiyaanummaan dubbii duwwaadhaan kan mul’atu utuu hin ta’in jireenya hojiidhaan mul’atu akka ta’e hubachuuf
Gaaffilee mare;
- Ergamtichi Yaa’iqoob nama akka dubbiichaatti hin jiraanne maalitti fakkeessa? Dubbii
Waaqayyoo maaliif of-ilaallitti fakkeessa?
- …“Warra dubbicha hojii irra oolchan ta’aa “dubbii jedhu akkamitti hubatte?
- Lakkoobsa 25 ‘dubbicha dhaga’ee hojii irra kan oolchu gochaa isaatti gammaduuf jira jechuun isaa maal jechuu isaa ti?
- Harraba isaa namni hin luugammanne jechuun maal jechuu dha?
- Kiristiyaanummaa dhugaan jireenyaan kan mul’atu akka ta’ee ammam hubateetta?
- Jireenya kee keessatti jireenya nama kan biraa irraan kan ka’e gufattee beekta yoo ta’e yokis immoo jireenya nama kan biraa ilaaltee Gooftaa argiteetta yoo ta’e mana(gurmuu) kanaaf dhugaa ba’i!
Qorannaa 14ffaa
Yeroo ati Gooftaadhaaf jiraattu inni immoo siif jiraata
Kutaa Qoranichaa; Dani’eel 6:1-5
Akeeka qorannoo kanaa; Amantoonni iddoo itti gaafatamummaa fudhatanii kaa’aman hundumaatti kan isaan jiraataniif inni duraa Gooftaadhaaf akka ta’e hubachuuf.
Gaaffilee mare;
- Daani’eeliin itti gaafatamummaa guddaadhaan waanti isa ga’e maal ture?
- Daani’eeliin itti gaafatamummaa itti kennametti amanamaa ta’ee akka inni argamu kan isa dandeessise maal ture?
- Amanaan tokko yeroo cubbuudhaan mormuu jalqabu namoota naannoo isaa jiraataniin biraa rakkoon isa quunnamuu danda’u maal?
- Amanaan tokko itti gaafatamummaa itti kenname irratti amanamummaan yeroo itti hir’atu rakkoon isa irra ga’u maal?
- Qajeelummaadhaan jiraachuu kee irraan kan ka’e mormiin sirra ga’ee beekaa? Yoo jiraate akkamittiin keessa akka dabarte mana kanaaf ibsi!
- Har’a jireenyi kee mormitoota sababa kan dhabsiisuu dhaa?
Qorannaa 15ffaa
Hundee Jireenya ija naqatuu
Kutaa Qorannoo kanaa: Yohaannis 15:1-11
Akeeka Qorannoo kanaa; Amanaan tokko jireenya ija qabu qabaachuudhaaf walitti dhufeenya kiristoosii wajjin qabu eeggachuun akka isa barbaachisu hubachuuf
Gaaffilee maree;
- Gooftaan Yesuus walitti dhufeenya isaa fi amantoota gidduu jiru akkamitti ibse?
- Anatti qabamaa jiraadhaa jecha jedhu akkamitti hubatte?
- Lakkoobsa 7-11 dubbisuudhaan Kiristoosiin jireenyi gammachisuu danda’u waan akkamii akka ta’e dubbadhu!
- Kiristoosii wajjin walitti-dhufeenya qabaachuu irraan kan ka’e eebba argamuu danda’u caqasi!
- Jireenya ija gaarii naqatu qabaachuudhaaf hundeen isaa maali jette yaadda?
- Har’a jireenya ija qabeessa jiraachuudhaaf ammam qophoofteetta?
Qorannaa 16ffaa
Jireenya fooyya’aa
Kutaa Qorannoo kanaa; 1Pheexiroos 2:1-8
Akeeka qorannoo kanaa; Gooftaatti amanee namni fayye hundinuu dubbii isaa qorachuu fi jireenyi isaa guddachuun akka irra jiraatu hubachuuf
Gaaffilee maree
- Amanaan tokko Gooftaa Yesuus duukaa bu’uudhaaf yeroo murteeffatu maal maalfa’I irraa adda ba’uu qaba jettee yaadda?
- Ergamtichi Pheexiroos Jireenya amanaa tokkoo mucaa reefuu dhalatutti maaliif fakkeesse? Jecha isaa kana irraa gara Gooftaa warra dhufan amantoota haaraadhaaf eegumsi godhamuufii qabu maal jettee yaadda?
- Amanaan tokko yeroo dubbii Waaqayyoo qoratu bu’aa inni jireenya isaaf kennu maal?
- Lakkoo 5 fi 6 irratti akka mul’atetti guddachuudhaaf ga’een amanaa tokkoo maal? Atoo gama kanaan ga’ee kee ba’aa jirtaa?
- Amanaan tokko jireenya Hafuuraa isaatti akka hin guddanne kan godhu gufuun yokiis rakkooleen maalfaa’I jettee yaadda?
- Har’a jireenya haaraa (jireenya Kiristiyaanummaa keetti) akka gaariitti guddachuudhaaf ammam carraaqaa jirta?
Qorannoo 17ffaa
Akeeka waamamuu keenyaa
Kutaa qorannoo kanaa; Efeesoon 5:1-14
Akeeka qorannoo kanaa; Akeeki fayyuu keenyaa inni guddaan Gooftaa gammachiisuudhaan jiraachuu akka ta’e fi amantoonni qajeelummaatti jiraachuun akka irra jiraatu hubachuuf
Gaaffilee mare
- Lakko. 1-2 irratti yaada ibsame irraa deddeebiin amanaa tokkoo maal fakkaachuu akka qabu hubatte? Har’a ati mataakee (ofii kee) akka dubbii Waaqayyootti geggeessaa jirtaa?
- Amanaan tokko gochuun irra hin jiraatu jedhamee lakkoo 3 irratti kan ibsaman maalfaa akka ta’an caqasi!
- Jireenyi mucaa Waaqayyo jaallatu maal faakkaata?
- Ergamtichi Phaawuloos Lakkoo 8 irratti ifaa fi dukkana jechoota jedhaman kan inni fayyadame maal argisiisuudhaaf jedhee ti? Jireenya kee keessatti har’a jabaatee kan jiru isa kam? Ifamoo dukkana?
- Amanaan tokko hojii dukkanaa akkamitti ifa baasa! Yookiin akkamitti ifata?
- Har’a ati jireenya qajeelummaatti jiraachuudhaan biyya lafaa akeekachiisaa jirta immoo hojii dukkanaa jiraachuudhaan warra dukana keessa jiraatanii wajjin wal-fakkaachaa jiraachaa jirta?
Qorannaa 18ffaa
Dubbii isaatti jiraachuudhaan Kan Gooftaa ta’uu keenya mul’ifna
Kutaa qorannoo kanaa; Yoha 8:31-34
Akeeka qorannoo kanaa; Bartuu(duuka-buutuu) Gooftaa inni dhugaan Gooftaa isaa irraa isa barateetti jiraachuu duwwaadhaan kan beekamu akka ta’e hubachuuf
Gaaffilee maree:
- Gooftaan Yesuus akeekkachiisa kana eenyuudhaaf kenne? (Lakko 31 irra ilaali!) Atoo isa Gooftaa irraa barteetti jiraachuudhaaf amam fedha qabda?
- Amanaa tokko bartuu (duuka buutuu) kan isa jechisiisu maal jettee yaadda? Har’awoo ati jireenya keen abboommii kanaaf akkamitti deebii laachaa jirta?
- Dhugaan hurrii isin baasa yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? Akka dubbii isaatti jiraachuu dadhabuu irraan kan ka’e waantonni sirratti mo’an jiruu?
- Namni karaa dubbii Gooftaa luba kan inni ba’u maalfa’I irraa ti?
- Duukabuutonni isaa Gooftaadhaaf deebii isaan deebisan isa inni dubbatee wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? Walitti dhufeenya hin qabu yoo ta’e garaagarummaa isaa ibsi!
- Cubbuu kan hojjetu garbicha cubbuu ti yeroo jedhu maal jechuu akka ta’e ibsi!
- Atoo mana Gooftaa keessa jiraachaa utuu ati hin jaallatin waanti si baaji’e sirratti mo’e jiraa? Kana irraa luba ba’uudhaaf maal gochuun akka sirra jiraatu hubatteettaa?
Qorannaa 19ffaa
Gaa’ela bu’a qabeessa
Kutaa qorannoo kanaa; Efesoon 5:21-33
Akeeka Qorannoo kanaa; Abbaa manaa fi haati manaa gaa’ela keessatti itti gaafatamummaa qaban raawwachuudhaan Waaqayyoo fi gaa’ela isaaniif amanamummaa qaban akka mul’isan jajjabeessuuf.
Gaaffilee mare;
- Ergamtichi walitti dhufeenya abbaa manaaf haadha manaa gidduu jiru maalitti fakkeessee dhiyeessa? Yaada kana irraa waa’ee gaa’elaa maal barta?
- Hati manaa abbaa manaaf ulfina ha laattu ykn ha sodaattu yaada jedhu akkamitti hubatta? Jechi kun aangoodhaan bulchuu abbaa manaa argisiisa jettee yaadda?
- Lakkoobsa 28 irratti yaada caqafame akkamitti hubatta? Jireenya kee kessattis hidhata gaa’elaa keef dursa laachuun in mul’ataa?
- Lakkoobsa 31 irratti namni abbaa isaa haadha isaa in dhiisa yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? Jecha kana irraa gaa’ela irratti iddoo isa guddaa qabachuun kan irra jiraatu eenyufa’I jetta?
- Walitti dhufeenya abbaa manaaf hadha manaa gidduu jiru kan balleessu maalfa’I jettee yaadda? Yaada kee mana kanaaf hiri!
- Har’a gaa’ela kee keessatti abboommiin Gooftaa raawwatama argateeraa (hojii irra ooleeraa?) yoo hojii irra hin oollee rakkoon isaa maal jettee yaadda?
Qorannaa 20ffaa
Ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti
Kutaa Qorannaa kanaa; Efesoon 6:1-4, Umama 25:27-28,27:1-17
Akeeka Qorannaa kanaa: Walitti dhufeenyi ijoollotaa fi maatii gidduu jiru bu’a qabeessa yoo hin taane maatii digamuu akka danda’uu fi maatiinis ijoollota jaalala wal-qixxee ta’een guddisuu akka qaban hubachiisuuf
Gaaffilee mare;
- Efesoon 6:1-4 irratti yaada caqafamee irraa ka’uudhaan itti gaafatamummaa maatiin qabu caqasi
- Yisiyaaqi Esaawuun caalaatti kan inni jaallatuuf maaliif ture sitti fakkaata? (Uumama 25:28) yaada kana irraatti hundaa’uudhaan walitti dhufeenyi maatii fi ijoollota gidduu jiru maal fakkaachuu qaba jettee yaadda?
- Maatiin ijoollota isaanii gidduutti looggii (wal caalmaa) yoroo uuman rakkoon uumamuu danda’u maalfa’i?
- Maatiin yeroo isaan isa tokko isa kan biraa irra caalchisanii jaallatan isa akka gadiitti ialalame irratti dhiibaan maalii uumamuu akka danda’u irratti yaada kee manaaf ibsi!
- Har’a ati maatii keef jaalala madalawaa ykn wal-qixxee qabdaa?
- Sababii looggii(wal-caalchisuu) irraan kan ka’e rakkoo si mudate ykn waan ta’ee argite yoo qabaatte mana kanaaf ibsi!
Qorannaa 21ffaa
Qoraanni muki tokkichi hin boba’u
Kutaa qorannoo kanaa; 1Qoronxos 12:12-26
Akeeka qorannoo kanaa; Kiristoositti amananii warri fayyan qaama Kiristoos waan ta’aniif akka dhagna tokkootti walii isaanii harka wal qabachuudhaan wal gargaaruun akka irra jiraatu hubachuuf.
Gaaffilee qorannoo kanaa;
- Ergamtichi Phaawuloos kutaa kana keessatti amantoota maalitti fakkeessa? Jecha isaa kana irraa inni tokko isa kaaniif itti gaafatama inni qabu akkamitti hubatte?
- Lakkoobsa 15 fi 16 irra yaada jiru akkamitti hubatte? Yaada kana irraa itti gaafatamni amantoota mana Waaqayyoo keessa jiran hundumaa amam jettee yaadda?
- Tokkummaan qulqullootaa Waldaa Kiristiyaanaa keessatti yeroo jabaatu waanti gaggaariin argamuu danda’u maalfaa akka ta’e caqasi. Gama keen har’a tokkummaa kana cimsuuf eeguuf hirmaannaan ati qabdu ammam?
- Lakkoobsa 17 yaada ibsame irraa Kennawwan ayyaanaa Waldaa Kiristiyaanaa jiran ammam barbaachisoodha jetta? Kennawwan ayyaanaa kana wal-qixxeetti ilaaltaa?
- Namni iddoo Waaqayyo isa kaa’e yeroo taa’uu fi kennaa qabuun yeroo tajaajilu bu’aan inni buusu maal?
- Qorannaa kana irraa waa’ee barbaachisummaa tokkummaa amantootaa ammam hubatte?
Qorannaa 22ffaa
Kiristiyaanni dhugaan eenyuummaa dhugaa qaba
Kutaa qorannoo kanaa; Galaatiyaa 6: 1-10
Akeeka qorannaa kanaa; Amantoonni walitti dhufeenya walii isaanii gidduutti qaban keessatti waan godhan hundumaa inaaffaa guutuu fi jaalalaan gochuu akka qaban hubachuuf
Gaaffilee mare;
- Ergamittichi nama rakkoo ta’ee keessa jiru tokko bifa maaliitiin gargaaruun akka nurra jiru dubbata?
- Nama rakkina keessa jiru hafuura garraamummaatiin itti dhiyaachuun maaliif barbaachise? Atoo bifa kanaan nama itti dhiyaattee gargaarte qabdaa?
- Ati ofii keetii immoo akka hin qoramne of eeggadhu yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? Namni nama kan biraa gargaaruu yaalu maal irraa of eeggachuu qaba?
- Inni tokko ba’aa isa kan biraa ha baatu yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? Atoo rakkoollee adda addaa keessa warra jiran gargaaruudhaaf amam qophoofteetta?
- Lakkoobsa 3 irratti yaada caqafame akkamitti hubatta? Har’a jireenya kee keessa wal fakkeessuun jiraa?
- Namni isuma facaase sana haama yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? Yaada kana irraa waa’ee itti gaafatamummaa amam hubatta?
- Har’a ati isa kan biraa gargaaruudhaaf qophoofteettaa?
Qorannaa 23ffaa
Hojii gaarii Kiristoos itti gammadu
Kutaa qorannaa kanaa; Efesoon 6:5-9,2Teseloonqee 3:6-13
Akeeka qorannaa kanaa; Hojjetonni Kiristiyaanonnis ta’e warri hojjechiifatan hojii isaaniitiin Gooftaa akka tajaajilan amananii of-irraa bu’anii jabaatanii akka hojjetan amanamummaadhaan deddeebi’uudhaan kiristoosiif ulfina warra kennan akka ta’an hubachuuf.
Gaaffilee mare;
- Akka Efesoon 6 irratti arginutti Kiristiyaana warri ta’an hojjetoonni iddoo hojii isaanitti akkam ta’uu qabu jettee yaadda?
- Of-argisiisuudhaaf utuu hin ta’in akka waan Gooftaadhaaf abboomaman yaadachuudhaan fedhaa fi jaalalaan akka hojjettan kan inni jedhuuf maaliif?
- Itti gaafatamtoonni warri lafa hojii tii hojjechiisan akkamitti hojjechiisuu qabu?
- Akka 2Teseloonqee 3tti Ergamittichi Phaawuloos amantoota Teseloonqeetiin ofii keenya fakkeenya isiniif taane malee jedhee Lakkoobsa 9 irratti kan inni dubbatuu waa’ee maalii ilaalchisee ti!
- Ergamtichi Phaawuloos hojii hiikanii adeemuun seera akka hin taane irra deddeebi’ee hubachiisa, yaada kana akkamitti hubatte?
- Kutaa kana irraa kabaja hijii hojjechuun qabu fi amanaan tokko hojii isaatiin Gooftaa ulfeessuu akka danda’u hubateettaa? Kana irraa ka’uudhaan ati ga’ee maaliin qaba jettee yaadda?
Qorannaa 24ffaa
Waan gootan hundumaa Gooftaadhaaf jedhaa tii godhaa!
Kutaa qorannaa kanaa; Qolaasaayis 3: 18-25,4:1
Akeeka qorannaa kanaa; Namoonni walitti dhufeenya qaban keessatti yeroo hundumaa Gooftaa yaadachuudhaan of eeggannaadhaan akka godhan hubachuuf
Gaaffilee mare;
- Ergamaan kun kutaa kana keessatti waanti inni hubachiisuu barbaade waa’ee maaliti?
- Abbaan manaa fi haati manaa gaa’ela isaanii keessatti itti gaafatamummaan isaan raawwachuu qaban maal maalfa’i? Gaa’ela keessatti itti gaafatama ofii raawwachuun bu’aa maalii kenna?
- Lakkoobsa 21 irratti yaada ibsame akkamitti hubatta?
- Namni iddoo itti gaafatama qabutti Gooftaadhaaf jedhee amanamummaadhaan yeroo jiraatu bu’aan inni kennu maal?
- Lakkoobsa 23_25tti yaada jiru akkamitti hubatta?
- Qolaasaayis 4:1 irra yaadi jiru kan ibsu waa’ee maalii ti?
- Har’a ati maatii kee keessattis ha ta’u iddoo hojii keetti waan gootu hundumaa amanamummaadhaan raawwachaa jirtaa?